Deeggarsa Gibiraa Bilisaan argadhaa

Deeggarsa gibiraa naga- qabeessa, eegamaa, salphaafi bilisaa.

Doolaara akka laayyootti-hin arganne caalaa eegaatii, gibira 2020 keessan guutuuf deeggarsa bilisaa argadha.

Amajjii 20 irraa – Ebla 18, 2021 tti, oggeessoonni gibiraa leenji’aniifi IRS mirkanaa’an gibira keessan guutuuf deeggarsa naga- qabeessa, eegamaafi %100 karaa onlaayiniitiin kennuuf ni argamu. Oggeessoonni keenya seera gargaarsa haaraa keessa jiru dabalatee, waa’ee seeroota gibiraa haaraafi liqaawwan jiran waan beekaniif, deebii keessa dabaluufi maallaqa keessa caalaa akka eeggattan isin taasisu danda’u. Akkasumas maallaqa ka’umsa hojii iyyachuufis gargaaruu dandeenya.

Kanneen ITIN qaban dabalatee, deeggarsi gibiraa kan bilisaa nama hundaaf ni argama.

Akka haala gaariin gibirawwan keessaniin isin gargaaruu dandeenyuuf, wantoonni beekuu qabda muraasni akkasumas filmaatawwan dabalataa, garuu ammo kan isin gargaaran, sanadawwan walitti qabu qabdanii fi kanneen argaman kunooti:

Wanti Gochuun Isin Barbaachisu

  • Waraqaa eenyummaa suuraa qabu
  • Suuraa oofee waraqaa eenyummaa keessan fuula keessan biratti qabachuun of kaaftan
  • Kaadirii Nageenya Hawaasummaa ykn sanada ITIN
  • Galmeewwan galii kamiyyuu (W-2, 1099-R, kkf)

Sanadawwan Biraa akka Filmaataatti Dhiyeessuu Qabdan

  • Deebii gibiira bara darbee
  • Ibsa Inshuraansii Fayyaa Lafagabaa (1095-A)
  • Ibsa Kunuunsa Daa’imaa
  • Ibsa Injifannoowwan Tirgaa
  • Ibsa Kanfaltii Barnootaa

Haalawwan Salphaa Gibirri Bilisaan ittiin Galfamu


Nama isin gargaaru wayi qabaadhaa

GetYourRefund.org

Tajaajilawwan qophii gibiraa bilisaan karaa viidiyoon argadhaa. Oggeessoonni gibiraa IRS-mirkanaa’an isin waliin hojjachuun fageenya irraa deebii gibira keessanii qopheessuudhaan karaa elektironikaatiin isiniif galchu. Seensi naga-qabeessii, eegamaan sanadawwan barbaachisan akka feetaniif salphaa isiniif taasisa.

Ofii keessaniin galchaa

MyFreeTaxes.com

MyFreeTaxes.com waliin, ofii keessaniin bilisaan gibira keessan galchu ni dandeessu. Tajaajilli kunis akka eenyummeessa uummattan, guutanii fi ofiin gibira keessan galchitan isin gaafata.

Deeggarsaaf bilbilaa

2-1-1

Odeeffannoo fi deeggara attamiin bilisaan gibira keessan akka itti galchitan dabalatee, lakkoofsa afaan barbaaddaniin argachuuf 2-1-1 irratti bilbilu dandeessu.


Gaaffiilee Beekamoo MyFreeTaxes.com


Gabaasni Gibira Galii salphaan maali?

Gabaasni galii gibiraa salphaan MyFreeTaxes koo uwwisu: Galii W-2, galii bu’aa murtaa’aa, galii hiramaa, baasiiwwan barumsa barattootaa, galii hoji dhabdummaa, kuufamoota maallaqa barumsaa barataa, dhala liqaa barataa, iyyata hir’ifama bu’uuraa, Kuufamoota Gibira Galii Argamee, baasiwwan kunuunsa ijoollee fi maxxantootaa dabalata. Tarreeffamni guutuun unkaawwan dabalamanii asitti argamuu danda’u: MyFreeTaxes.com/Support

Hanqinoonni tajaajilootaa maali dha?

Gabaassonni galii gibiraa hedduun kanneen bal’ina mata-dure keessatti argamanii fi iddoowwan qaaman argamuu barbaachisanitti bilisa ta’an, hundi isaanii softweerii bilisaa keessatti hin hammatamne, fakkeenyaaf galii ofiin hojii uummachuu (1099-MISC), dhala liqaa yeroo dheeraa, Gibiroota Qabeenyota Dhaabatoo, Hir’ifamoota biroo adda foo’amuu danda’an, Kaffaltiiwwan Qaama Sadaffaa (1099-K), HSA, fi kanneen biroo hedduu.  Yoo unkaawwan gibiraa kanneen qabaattan, tooftaa kanaan galfachuuf sirna ol guddate bitachuu qabdu. Haa ta’u malee, yoo MyFreeTaxes.com fayyadamtan kaffaltiin kan isiniif hir’ifamu ta’a. Tarreeffamni guutun wantoota softiweerii bilisaa keessatti dabalamanii MyFreeTaxes.com/Support irratti argamuu danda’a.

Qabenyoonni biroon bilisaan argachuu danda’u maali dha?

Filannoowwan jiran kanneen biroo abuuruu dandeessu:

  • Ogeessa gibiraa keenya waliin Qophii Gibira Virchuwaalii Bilisaa: Gibiroonni keessan karaa virchuwaalii garee Bilisaan Gibira Qopheessu keenyatiin qopheessiffadhaa. Odeeffannoo dabalataa filannoowwanorg irratti jiru ilaaluuf gara fuula kana darbsaa.
  • Sarara Interneetii Irraan Galfachuu: Karaa sagantaalee Iyyannaa Bilisaa (Free File) IRS, tooftaalee dabalataa iyyannaa bilisaa argachuu dandeessu. Odeeffannoo dabalataa fi bal’inaaf gov/FreeFile daawwadhaa.

MyFreeTaxes.com irraan guutuf maaltu na barbaachisa?

Kan isin barbaachisu:

  • Account banachuuf teessoo iimeelii
  • AGI kee sirrii sarara 7 unka 1040 gabaasa galii gibiraa 2019 kee (enyummaa kee mirkaneessuuf) irra jiru
  • SSN namoota gabaasa galii gibiraa irra jiran hundaaf
  • Galmeewwan gibiraa hunda
  • Lakkoobsa akkaawuntii baankii fi lakkobsaa raawutiingii (kallattiin kuusuu/liqiif)

AGI 2019 koo hin beeku. Maal gochuun qaba?

Yoo ammallee galagalcha gabaasa galii gibiraa 2019 keessan qabaattan, Sarara 7 irratti argachuu dandeessu. Yoo bara darbe gibiroota keessan iddoo Qophii Gibiraa Bilisa United Way of King County’tti galfattanii turtan, iimeelii freetax@uwkc.org irratti ergaa akkasumas garagalcha gabaasa galii gibiraa bara darbee isinii kennuu akka dandeenyuf lakkoofsa bilbilaa keessan dabalaa. Yoo bara darbe nu biratti hin galchine ta’e, IRS.gov/get-transcript galagalcha gabaasa galii gibiraa waggaa darbee argachuu irratti isin gargaaruu danda’a.

Yeroon gabaasa galii gibiraa koo galchu namni wayii sadarkaa sadarkaadhan bilbilaan na gargaaruu danda’aa?

Yoo gargaarsa barbaaddan, karaa sirna beellama qabsiisuu keenyatiin garee ogeessota Qophii Gibiraa Bilisaa naannootin akka guutamu gochuu dandeessu, odeeffannoo dabalataa filannoowwan GetYourRefund.orgirraatiif, fuula kana gadi dabarsaa.

Namni United Way of King County qabu tokko akka koo ta’ee odeeffannoo kiyya MyFreeTaxes.com irratti guutuu ni danda’aa?

Akka tasaa ta’ee, United Way of King County odeeffannoo fi galmeewwan gibiraa keessan bakka keessan bu’ee MyFreeTaxes.com itti hin galchu. Gibirri keessan karaa virtualii, garee ogeessota Qophii Gibiraa Bilisa ta’e kan naannootiin karaa sirna beellama qabsiisuutiin akka hojjetamu yoo barbaaddan, odeeffannoo dabalataa GetYourRefund.orgirratti argachuuf, fuula kana gadi dabarsaa.

Ani IRS.gov/FreeFile dhaf ulaagaa nan guutaa?

Namni galii $72,000 gadii argatu kamuu sagantaa Faayila Bilisaa IRS fayyadamuun galfachuu ni danda’a.


Gaaffilee GetYourRefund.org beekamoo


GetYourRefund.org akkamitti hojjeta?

GetYourRefund.org sadarkaalee salphaa muraasan karaa ittiin gibira keessan virchuuwaalii guuttan kenna:

  1. Qophii galii gibiraa karaa virchuwaalii bilisaan kennamu argachuuf “KaffaltiiKeeDeebi’uArgadhu dhan Iyyadhu (File with GetYourRefund)” cuqaasaa.
  2. Proofaayila GetYourRefund uummadhaa, gaaffilee seensaa deebisaa akkasumas suuraalee ragaalee gibiraa keessan ol fe’aa.
  3. Beelama keessan yeroo qabsiisaa.
  4. Yeroo beellama keessan:
  • Bilbila fudhannaa ogeessota gibiraa keenya keessaa tokko irraa siniif bilbilama.
  • Ogeessota gibiraa keenya keessa tokko gabaasa galii gibiraa keessan isiniif xumuura.
  • Yeroo lammaffaaf, bilbilli Ogeessota gibiraa keenya keessa tokko irraa akka mirkaneessitanii fi xumuurtaniif isiniif bilbilama.
  1. Karaa iimeelii gabaasa galii gibiraa keessan mallatteessaa.

Hanqinoonni tajaajilootaa maali dha?

United Way carraa wal qixaati, dhiyeessaa fi namni isteetii Washington keessa jiraatu kamuu, tajaajiloota Qophii Gibiraa Bilisa United Way argachuu danda’u. Haa tau malee, gabaasonni galii gibiraa muraasi tola ooltota keenyaaf wal xaxoodha. Fakkeenyaaf, gabaasa galii gibiraa galiiwwan isteetota biroo keessatti argamanii qopheessuu hin dandeenyu.

 

Gabaasota galii gibiraa Lakkoofsa Eenyummaa Gibira Kaffalaa Nama Dhuunfaa (Individual Taxpayer Identification Number, ITIN) qabuu raawwachuuf, Express Credit Union waliin miiltoo uumnee jirra akkasumas iyyannoowwan ITIN fi haaromsawwan karaa Express Credit Union bilisaan ni kennina.

 

Tajaajiloonni nuti HIN kennine tarreeffamanii jiru:

  • Gabaasonni galii gibiraa isteetii (isteetiin waashingiton, gibira galii isteetii hin qabu, kanaafuu, gabaasni galii gibiraa hin barbaachisu). Yoo naannoo gabaasni galii naannoo barbaachisu hojjettan ta’e, com bilisaan ol galfachuu dandeessu).
  • Yoo 1099-B ni qabdu ta’e (daldala irraa itti fufu, yoo aksiyoona bittan/gurgurtan).
  • Yoo mana keessan gurgurtaniif yookaan gara liqeessatti deebi’eef
  • Yoo galii kiraa fudhattaniif.
  • Yoo ofii keessaniin of qacartanii fi baasii $25,000 ol qabaattan, kisaaraa walii galaa qabaattan, yookan yoo faayidaa mana jireenyaa keessan akka baasii daldalaatti hir’isuu barbaaddan.
  • Yoo miiltoo naannoo galmoofte taatan.

GetYourRefund.org irratti guutuf maaltu isin barbaachisa?

GetYourRefund.org bilbila harkaa, taabileetii fi kompiitara deeskitooppiidhan kan argamu dha. Akka arginetti namooti baayyeen gaaffilee dhiyaatan kan xumuuranii fi haala salphaan kan keessa darbani dha. Sin barbaachisa:

  • Account banachuuf teessoo iimeelii
  • Suuraa kaardii eenyumma (namoota gabaasa galii gibiraa irra jiran kamiifuu)
  • Suuraa keessan osoo waraqaa eenyummaa keessan qabattanii jirtanuu kaatan
  • Lakkoofsa Wabii hawaasummaa yookaan kaardii ITIN (akkasumas namoota gabaasa galii gibiraa irra jiran hundaafuu))
  • Galmeewwan gibiraa hunda
  • Lakkoofsa akkawuntii baankii fi lakkofsa raawutiingii (akka filannootti, kallattiin kuusuuf/liqiif)

 

Hubachiisa: IRS GetYourRefund.org, United Way of King County fi miiltoowwan biyyaalessaa hojiiwwan nageenya fi ulaagaalee qophii gibiraa virchuwaalii irratti haaromsawwan barbaachisoo gochuuf waliin hojjetu.

Yoon gargaarsa GetYourRefund.org biraa argachuu barbaadeef akkamiin argachuu danda’a?

Meeshan haasawaa hojjettoonni gargaarsa maamilaa United Way of King County gaaffilee deebisuuf irratti argaman, fuula kana irratti argama.

 

Mallattoo haasawaa fuula marsaaritee kana irra jiru cuqaasuun, gargaarasa namaa argachuu dandeessu.

 

Itti dabalataan, miseensonni maamila deeggaran maarsariitii armaan gadii irratti nii argattu GetYourRefund.org. Akkasumas, gargaarsa dabalataatif iimeelii Hello@GetYourRefund.org erguu dandeessu.

Dhiibbaan kaffaltii diinagdee hoo?

Akkaataa Seera Gargaarsa Koroonaa vaayirasii, Gargaarsa Yeroo Hatattamaa fi Wabii Diinagdeetti (Coronavirus Aid, Relief, and Economic Security, CARES), gibira kaffaltoonni ulaagaa seeraa guutan kan gabaasota galii gibiraa bara 2018 ykn 2019 tif galchan, kaffaltii dhiibbaa diinagdee nama dhuunfaatiif hanga $1,200 tti, kan warra walfuudhanii hanga $2,400 tti fi tokkoon tokkoon ijoollee ulaagaa guutaniif hanga $500 kennamu battalumatti argatu. Kaffaltoonni gibiraa muraasni kanneen gabaasota galii gibiraa isaanii hin galchin, kaffaltii dhiibbaa diinagdee argachuuf, gabaasa galii gibiraa salphaa galchuu isaan barbaachisa.

 

Kaffaltiin dhiibbaa diinagdee dabalataa, jalqaba bara 2021 tti $600 nama dhuunfaaf, $1,200 namoota wal fuudhaniif, $600 ijoollee ulaagaa guutaniif raabsamaa ture. Maatileen haalota walmakaa qaban, amma kaffaltii dhiibbaa diinagdee lachuufuu ulaagaa ni guutu.

 

odeeffannoo haara’aaf IRS.gov/EIPdaawwadha.

 

Odeeffannoo baankii keessanii haareffachuu yookan haala kaffaltii dhiibbaa diinagdee keessan beekuu barbaadduu? Gara IRS.gov/coronavirus/get-my-payment deemaa


Deeggartoota keenyaan galatoomaa: